Fana: At a Speed of Life!

Humna Qilleensaa Ityoophiyaa ammayyeessuuf hojiileen jijjiiramaa hedduun hojjetamaniiru- L/J Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2015 (FBC)- Humna Qilleensaa Ityoophiyaa ammayyeessuuf hojiileen jijjiiramaa hedduun hojjetamuu Ajajaa Olaanaan Humana Qilleensaa Leetenaala Jeneraala Yilmaa Mardaasaan ibsan.

Qondaaltonni mootummaa, ogeeyyiin miidiyaa fi qaamoleen biroon waltajjii marii mata duree “Aadaa hojii jijjiiruu fi dirree hubannaa babal’isuu” Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame irratti hirmaatan hojiilee jijjiiramaa Humni Qilleensaa Ityoophiyaa daawwataniiru.

leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan, tarkaanfiin jijjiiramaa dhaabbatichi fudhate rakkoo keessattillee biyya ijaaruun akka danda’amu agarsiiseera jedhan.

Humni Qilleensaa Ityoophiyaas humna namaa fi meeshaa ammayyaawaa akka qabaatu taasisuuf akkasumas dhaabbaticha qulqulluu fi hawwataa akka ta’uuf hojiileen jijjiiramaa garaagaraa hojjetamuu ibsaniiru.

Dandeettii raayyaa isaa ijaaruun dhaabbatichis siyaasaa, amantaa fi sabaa kamirraayyuu walaba ta’ee, mallattoo kabajaa Ityoophiyaa taasisuun akka danda’m,e himaniiru.

Ityoophiyaan biyya guddittii waan taateef seenaa, bal’inaa lafaa fi baay’ina ummataa humna qilleensaa irratti jijjiiramni hedduun taasifamuu eeraniiru.

Itti Gaafatamaan Quunnamtii Ummataa Humna Qilleensaa fi Ajajaan Kutaa Qilleensaa 5ffaa Koloneel Biruuk Seefuu akka jedhanitti, waggoota sadan darban karoora yeroo gabaabaa, giddu galeessaa fi yeroo dheeraa bocuun dhaabbaticha keessatti hojiin misoomaa bu’a qabeessa ta’e hojjetameera.

Kanaanis, humna namaa fi meeshaalee waraanaa ammayyaa gurmeessuun naannawaa qilleensaa Ityoophiyaa eegsisuuf dhaabbata amansuiisaa ijaaruun akka dana’me himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.