Fana: At a Speed of Life!

Humna oomishtummaa Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa guddisuuf mootummaan ni hojjeta-Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)- Humna oomishtummaa Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa guddisuun rakkoo uummataa furuuf mootummaan kan hojjetu ta’uu Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Sulula Fincaa’aatti mariin misoomaa fi nageenyaa hojjettoota Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa waliin gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Obbo Awwaluu Abdii akka jedhanitti sirnoonni darbanii fi dhibaa’ummaan gaggeessitoota warshichaan, warshichi hanga barbaadame oomishaa akka hin turre himan.

Humna oomishtummaa warshichaa guddisuun rakkoo ummataa furuuf, mootummaan kan hojjetu ta’uu fi hawaasni naannawichaas nageenya warshichaaf waardiyaa ta’uu akka qaban hubachiisaniiru.

Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Mirreessaa Fiixee gama isaaniin nageenya amansiisaa mul’achaa jiru itti fufsiisuun karoora misoomaa qabatamaa taasisuuf gaheen hojjettootni warshichaa fi jirtaattootaa olaanaa ta’uu himuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Dabalataan jilli Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Aanichatti Inisheetiviiwwan garaagaraan hojiilee misoomaa gaggeeffamaa jiran daawwateera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.