Fana: At a Speed of Life!

Humna nageenyaafi tasgabbii wal fakkaatu gurmeessuuf hojiin eegalame – Hoggantoota nageenyaaf tasgabbii Naannoolee

Finfinnee, Eebla1, 2015 (FBC) – Humna nageenyaafi tasgabbii wal fakkaatu gurmeessuuf hojiin eegalamuu Hoggantoonni nageenyaaf Tasgabbii Naannoolee beeksisaniiru.

Hojiin humna addaa irra deebiin gurmeessuu eegalamuu hoggantoonni biirolee nageenyaa fi tasgabbii naannolee ibsaniiru.

Adeemsichi hidhannoo hiikkachiisuu fi humna addaa diiguu osoo hin taane humna nageenyaa ga’umsa gahaa qabu ijaaruu ta’uu eeraniiru.
Dhimmicha ilaalchisee mariin qooda fudhattoota waliin gaggeeffamuu himameera.

Itti Aanaa Itaamaajoorii humna Raayyaa Ittisa Jeneraal Abeebawu Taaddasaa, Daayrekterri jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo Nageenyaa biyyaalessaa Tamasgeen Xuruneehi, Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammalaash Gabremikaa’elii fi hoggattoonni biirolee nageenyaa naannolee maricharratti hirmaataniiru.

Hojii irra deebiin humna addaa gurmeessuuf hojjetamaa jiru ilaalchisee hoggantoonni biirolee nageenyaa Naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Somaalee fi Afaar miidiyaaf ibsa laataniiru.

Adeemsichi qorannoo gaggeeffamaa ture bu’uura taasiisuun hojiitti galamuu ibsaniiru.

Hojii humnoonni addaa naannolee birmadummaa fi nageenya biyyaa kabachiisuuf taasisaa turan seenaan kan hin dagatamne ta’uu hoggantoonni kunneen ibsaniiru.

Humna nageenyaa lammileen hundi abdii irratti horatan deebisanii ijaaruun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Ololli qaamoleen tokko tokkoo humni addaa diigamuufi, hidhannoo hiikkachuufi jechuun afarsan dhugaarraa kan fagaate ta’uu ibsaniiru.

Adeemsichi humna nageenyaa lammilee hunda wal qixa tajaajilu ijaaruuf ta’uu ummanni Ityoophiyaa hubachuu akka qaban hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.