Fana: At a Speed of Life!

Humna nagaa kabachiisaa raayyaa ittisa biyyaa FDRI ergama Dhaabbata Mootummoota Gamtooman jalatti Abiyeetti bobba’eef badhaasni kenname

Finfinnee, Sadaasa 29, 2012 (FBC) – Humna nagaa kabachiisaa raayyaa ittisa biyyaa FDRI ergama Dhaabbata Mootummoota Gamtooman jalatti Abiyeetti bobba’eef badhaasni kenname.

Badhaasichas kan laatan Sudaanitti Ambaasaaddara guutuu fi ergamaa addaa FDRI Shifarraaw Jaarsoti.

Badhaasni kun kan laatame humna nagaa kabachiisaa Baataaliyoonii Luusii Mootaraayizd 21ffaa marsaa 7ffaa fi 8ffaadhafi.

Ambaasaaddar Shifarraaw ergaa dabarsaniin humni nagaa kabachiisaa FDRI bakka bobba’etti fudhatama hawaasaa waliin, ergamasaa ba’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Waltajjicha cinaadhan guyyaan sabaa fi sablammootaa ummattoota Ityoophiyaa 14ffaanis kabajameera.

Waltajjicharratti agarsiisni ergama raayyaa ittisa biyyaa fi aadaa biyyaa agarsiisan dhiyaataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.