Humna elektirikaa biyyoota ollaatti gurguramerraa Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 90 argame
Finfinnee, Hagayya 6, 2013 (FBC) – Bara baajataa xumurametti Humna Elektirikaa biyyoota ollaatti gurguramerraa Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 90 ol argamuu Humni Elektirikii Ityoophiyaa beeksiise.
Bara kana Waatii saa’aatii biiliyoona 1.4 dhiyeessuun Doolaara Ameerikaa miiliyoona 80.7 argachuuf karoorfamee Waatii sa’aatii biiliyoona 1.6 dhiyeessuun Doolaara miiliyoona 90.5 argachuun danda’amuu himameera.
Humna Sudaanitti gurgurameerraa Doolaara miiliyoona 55.48 fi humna Jiibuutiif dhiyaateerraa Doolaarri miiliyoonni 35 argamuu dhaabbatichi ibseera.
Galii bara 2012 argamerra kan bara kana argame Doolaara miiliyoona 24.1 caalmaa qabaachuu eerameera.
Gurgurtaa Humna Elektirikii biyyoota ollaaf dhiyaaterraa bara 2011 Doolaara miiliyoona 54.9, bara baajataa 2012 ammoo Doolaara miiliyoona 66.4 argamuu Ragaan Humna Elektirikii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.