Fana: At a Speed of Life!

Humna dargaggootaa kan nu dhabsiisu daddabarsaa namootaa seeraan alaa ittisuu qabna- Obbo Jaanxiraar Abbaay

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Humna oomishaa kan ta’e humna dargaggootaa kan miidhu daddabarsa namootaa seeraan alaa ittisuu qabna jechuun Itti Aanaan Kantiiba Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay himan.
Manni Maree To’annoo Fi Ittisaa Daddabarsaa Namootaa Seeran Alaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Yaa’ii Idilee 1ffaa gaggeesseera.
Walitti Qabaan Mana Marichaa Fi Itti Aanaan Kantibaa Magaalichaa Obbo Jaanxiraar Abbaay, yakka daddabarsa namootaa kan humna dargaggootaa nu dhabsiisuu ittisuu qabna jedhaniiru.
Yakkicha ittisuu fi to’achuuf namoota gochicharratti bobba’an seeraan itti gaafatamoo kan taasisuu dambii mana marichaa labsii lakkoofsa 12/2014 taasisuuf ragga’eeras jedhan.
Kaayyoon mana marichaas yakka daddabarsa namootaa seeraan aala ittisuu fi to’achuu, kanneen yakkichaan miidhaman ammoo deebisanii dandamachiisuu fi hirmaannaa qaamolee dhimmichi ilaallatuu kan cuimsuudha jedhaniiru.
Yismaawu Adaraatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.