Fana: At a Speed of Life!

Hudhaalee Invastimantii hiikuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Amajjii 23, 2012 (FBC) – Hudhaalee Proojektota invastimantii Oromiyaa furuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksise.
 
Gorsaan invastimantii fi daldalaa waajjirichaa, Obbo Hundee Dhugaasaan, hudhaalee invastimantoota Oromiyaa mudatan yeroo gabaabaa keessatti furuun hojiitti akka galaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
 
Qo’annoo gaggeeffamerratti hundaa’uun hudhaalee xixiqqoo kanneen akka dhiyeessii bishaanii fi ibsaa proojektoota hojii malee dhaabatan hojiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Haala rakkoolee kanneen furuun danda’amu irratti abbootii qabeenyaa fi qaamoolee mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin mariin gaggeeffamuus obbo Hundeen dubbataniiru.
 
Qo’annoo waggoota lama dur gaggeeffameen yoo xiqqaate proojektonni 341 Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneetti sababa hanqina dhiyeessii xixiqqaan hojiitti osoo hin galin jiraachuu ibsameera.
 
Proojektonni invastimantii hedduun magaalota gurguddoo fi giddugaleessaa naannoo Oromiyaa keessatti sababa xixiqqaan yeroo dheeraaf hojii malee turuu isaanii marii gaggeeffame keessatti ibsameera.
 
Hudhaalee kanneen furuuf mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.