Fana: At a Speed of Life!

Hudhaalee damee barnootaaf furmaata kennuuf murannoon hojjechuun barbaachisaadha – Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Sadaasa 19, 2016 (FBC) – Yaa’iin Barnootaa 32ffaan Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamaa ture har’a xumurameera.

Yaa’ichi dhimmoota adda addaarratti erga mari’atee booda murtoowwaan garaagaraa dabarsuun xumurameera.

Hudhaalee damee barnootaaf furmaata waaraa kennuuf murannoon hojjechuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ibsaniiru.

Hanqina kitaabilee furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Kitaabileen marsaa jalqabaan naannoleef qoodaman saffisaan manneen barnootaaf raabsamuu akka qaban hubachiisaniiru.

Maraa’ool Kadirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.