Fana: At a Speed of Life!

Hubannoo namtolcheen dargaggoonni biyyatti maqaa waamsisan umamaa jiru-Dooktar Warquu Gaachanaa

Finfinnee, Adoolessa 18, 2016 (FBC)-Teeknooloojii hubannoo namtolchee (AI) sadarkaa Idil Addunyaatti dargaggoonni kennaa qaban kan biyyattii maqaa waamsisan uumamaa jiraachuu Daayrektrarri Olaanaa Inistiitiyuutii Artifiishaal Intalajansii Dooktar Warquu Gaachanaa ibsan.

Inistiitiyuutichi dandeettii kalaqa teeknooloojii dargaggootaa cimsuuf barnoota isaanii idileen cinaatti leenjii Gannaa kennaa jira.

Dooktar Warquu Gaachanan akka ibsanitti, damee hubannoo namtolcheerratti xiyyeeffannaan hojjechuun bu’uura guddina biyyaati.

Inistitiyuutichi guddina damichaaf hojjechaa jiraachuu ibsanii, barattoonni barnoota idileen cinaatti leenjiin Gannaa gurmaa’e kan beekumsa haaraa itti argatan kennamaa jiraachuus dubbataniiru.

Leenjii marsaa jalqabaa fi 2ffaatiin kennaa isaanii gara bu’aatti jijjiiruun dhabbilee dhunfaa waliin walta’iinsaan hojjechuu akka danda’an carraan uumamuu beeksisaniiru.

Dargaggoonni beekumsaa fi yaada fooyya’aa akka qaban ibsanii, dandeettii isaaniitti akka fayyadaman haala mijeessuun gahee keenya jedhaniiru.

Leenjichaaf, giddugaloota barsiisota damichaan beekumsa qaban, meeshaalee teeknooloojii mijatoo, mana yaalii fi galteewwan biroon guutaman ijaaramuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.