Fana: At a Speed of Life!

Hubannaa dhaabbilee meeshaalee carallaa maddisiisan fayyadaman cimsuun barbaachisaa ta’uun ibsame

Finfinnee Gurraandhala 24, 2012 (FBC) – Hubannaa dhaabbilee meeshaalee carallaa maddisiisan fayyadaman cimsuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu ibsame.

Hoggantoonni Ministeera Teeknooloojii fi Innooveeshinii fi Abbaan Taayitaa Ittisaa Carallaa gama hojichaan sochii jirurratti marii taasisaniiru.

Marichaan daayreektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Ittisa Carallaa obbo Saamsoon Getaahuun, nageenya carallaa fi teeknooloojii niwukilarii mirkanessuuf, tajaajila nageenyaaf kan oolu, haala diinagdeen ittiin utubamu uumuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Injiinar Abrahaam Balaay gama isaanitiiin, hubannaa dhaabbilee meeshaalee carallaa maddisiisan fayyadamanii cimsuun barbaachisaa akka ta’ee ibsaniiru.

Dabalataan meeshaaleen carallaa maddisiisanii fi biyya keessa galan faayidaa fi miidhaan isaanii adda akka ba’u ni hojjetama jedhaniiru.

Meeshaalee carallaa tajaajila isaanii fixan gara bakka dhufanitti akka deebi’aniif hojiin hojjetamaa jirus cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.