Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalota Federaalaa fi Magaalaa Finfinnee waliin hospitaalota miidhaman 11 gara hojiitti deebisuun danda’ameera

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Hospitaalota Federaalaa fi Magaalaa Finfinnee waliin walitti hidhamiinsa uumuun hospitaalota garee shororkeessaa ABUTiin miidhaman 11 gara hojiitti deebisuun danda’amuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Haala yeroo bityyaalessaa dhimmoota Fayyaarratti Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa ibsa laataniiru.

Naannoo Amaaraa fi Afaaritti dhaabbileen fayyaa saamamuu fi barbadaa’uu Ministeerri Fayyaa ibsa laateen himeera.

Naannoo Amaaraatti Hospitaaloonni 41, Buufataleen Fayyaa 453, keellaan Fayyaa 1850, naannoo Afaaritti ammoo Hospitaalli 1, Buufataleen Fayyaa 19 fi keellawwan 374 miidhamuun tajaajila dhaabuu isaanii Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaa fi Beenishaanguul Gumuzittis sababa walitti bu’iinsaan dhaabbileen Fayyaa tajaajila dhaabaan jiraachuu kaasaniiru.

Waliigala Hospitaaloota miidhaman 34 Hospitaaloota Federaalaa, Hospitaaloota Biiroo Eeggumsa Fayyaa magaalaa Finfinnee jalatti argamanii fi Yuunvarsiitiwwan waliin ta’uun tajaajila akka eegalan hojjetamaa jiraachuu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Buufataalee Fayyaa miidhaman 69 ammoo naannolee waliin ta’uun saffisaan tajaajila eegalchiisuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Naannoo Amaaraa fi Afaariiti buufataaleen Fayyaa 64 tajaajila idile eegalee eeraniiru.

Ambuulaansota miidhaman 114 keessaa 64 suphamuun tajaajilaaf qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Faayyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.