Fana: At a Speed of Life!

Hospitaaloonni qoricha liqaan fudhatan Birrii biiliyoonni 1.3 osoo hin deebisiin hafuu isaaniin rakkachaa jiraachuu Tajaajilli Dhiyeessa Qorichaa ibse

Finfinnee, Amajjii 20, 2014 (FBC) – Hospitaaloonni qoricha liqaan fudhatan Birrii biiliyoonni 1.3 osoo hin deebisiin hafuu isaaniin rakkachaa jiraachuu Tajaajilli Dhiyeessa Qorichaa Ityoophiyaa beeksiise.
Dhaabbileen Fayyaa qoricha liqaan fudhatan hedduu deebisuu dhabuu isaaniin dhiyeessa qorichaarratti rakkoo uumaa jiraachuu ibseera.
Waggoota shanan darbaniif Qorichi Hospitaalootaa fi dhaabbilee Fayyaaf liqaan laatame Birrii biiliyoonni 1.3 kan hin deebine ta’uu Daayreektarri Faayinaansii Tajaajilichaa obbo Zawdee Saamu’eel himaniiru.
Keessattuu Hospitaaloonni magaalaa Finfinneetti argaman liqaa hedduu ofirraa qabaachuu kaasaniiru.
Hospitaaloonni magaalaa Finfinnee Birrii miiliyoona 85.9 liqaa ofirraa qaban jiraachuu eeraniiru.
Dameewwan naannoleettis Hospitaalli Bahaar Daar Birrii miiliyoona 124, Adaamaan miiliyoona 91, Hawaasaan miiliyoona 90, Dasee fi Jimmaan Birrii miiliyoona 50 idaa qabaachuu isaanii himaniiru.
Dhaabbileen Fayyaa Baajata Mootummaan bulan liqaa ofirraa qaban yeroon deebisuu akka qaban hubachiisaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.