Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli Waliigalaa Walisoo har’a ni eebbifama

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC)- Hospitaalli Waliigalaa Walisoo har’a bakka Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti ni eebbifama.

Hospitaalichi baasii Birrii miiliyoona dhibba 1 miiliyoona 46 oliin ijaarame jedhameera.

Hospitaalli Walii galaa Walisoo Hospitaala Sadarkaa Duraa Godina Shawaa Kibba Lixaatti argamaniif Hospitaala Rifeeraalaa ta’uun tajaajila yaala fayyaa guutuu laata jedhameera.

Ijaarsi hospitaalicha bara 2007 kan eegale yoo tahu sababoota garaagaraan lafarra harkifachaa turu ibsameera.

Yeroo dhihoo asitti xiyyeeffannoo Mootummaan itti kenneen xumuramee eebbaaf qaqqabuu Itti gaafatamaan Waajjira eegumsa Fayyaa Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Guuttataa Daggafaa himaniiru.

Yeroo ammaa kana hospitaalichi meeshaalee yaala fayyaa fi ogeessota guuttachuun gara hojiitti galeera jedhan.

Kanaanis lammiilee miiliyoona 1.6 oliif tajaajila wal’aansa fayyaa guutuu akka kennu ta’uu Obbo Guuttataan dubbataniiru.

Hospitaalli waliigalaa Walisoo jiraattota Godina Shaawaa Kaabaa fi Lixaa dabalatee jiraattota Godina Shaawaa Lixaa Aanaalee Muraasa akkasumas Naannoo Uummattoota kibbaaf tajaajila ni kenna jedhameera.

Jiraattonnis Kanaan dura Hospitaalli walii galaa waan hin jirreef gara magaalaa Finfinnee deemuun yaala argachaa akka turan himaniiru kun ammoo Baasii humnaa oliif isaan saaxilaa ture, amma garuu hospitaala walii galaa as dhiheenyatti argachuu isaaniif gammadoo ta’u ibsaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.