Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli waliigalaa Eekkaa Kotabee tajaajila yaala idilee kennuu eegale

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC) – Hospitaalli waliigalaa Eekkaa Kotabee sababa weerara Vaayirasii Koroonaan adda kutee kan ture tajaajila yaala idilee kennuu eegaluu beeksiseera.

Hospitaalichi giddu gala tursaa fi yaala dhibee Koroonaa ta’uu hordofee tajaajila idilee dhaabee ture.

Yeroo ammaa guutumaan guutuutti gara tajaajila idilee kennuutti deebi’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan hospitaalichaa Dooktar Muluqan Tasfaayeen ibsaniiru.

Tajaajila si’ataa fi ammayyaa hawaasaaf laachuuf tattaaffii taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Bara kana sirna tajaajila teeknooloojiin deeggarame diriirsuun guutummaatti gara hojiitti galuu eeraniiru.

Haaluma kanaan hawaasni gara hospitaalichaa dhufuun tajaajila barbaachisu argachuu kan danda’an ta’uu himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.