Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli Suudee birrii miiliyoona 60 ijaarame eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2012 (FBC) – Hospitaalli Suudee birrii miiliyoona 60 ijaarame eebbifame.

Hospitaalli Suudee Birrii miiliyoona 60 ijaaramaa ture bakka sadarkaa itti aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Baadiyyaa Dooktar Girmaa Amantee, hooggantoonni mootummaa olaanoon fi hawaasi naannichaa argamanitti eebbifameera.

Godina Arsii Aanaa Suudeetti hojiin ijaarsa isaa bara 2007 kan eegalame hospitaalli kun, Birrii miiliyoona 60’n hojjeetamuun hawaasa gandoota magaalaa sadii fi gandoota baadiyaa 27 tajaajila jedhame.

Walumatti namoota kuma 200 tahaniif tajaajila ni kenna jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.