Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalichi Tajaajila Qorannoo Maaykiroobaayooloojii eegale

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC) – Hospitaalli Hunda galeessi Ispeeshaalaayizdii Hiwoot Faanaa Yuunvarsiitii Haramaayaa Tajaajila Qorannoo Maaykiroobaayooloojii eegaluu ibsame.
Hospitaalichi hawaasa Baha Ityoophiyaaf tajaajila Fayyaa adda durummaan kennaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammas tajaajila Fayyaa fooyya’aa hawaasa biraan ga’uuf meeshaalee ammayyaa’oo tajaajila qorannoo Maaykiroobaayooloojiif oolan Birrii miiliyoona 6 olitti tilmaamamuun tajaajila eegalchiiseera.
Maashinoonni ammayyaa’oon kunneen yeroo tokkotti namoota 120 f qorannoo kan taasisuudha jedhameeraa.
Yuunvarsiitii Haramayaatti Daayreektarri olaanaan Koolleejjii Saayinsii Fayyaa fi Meedikaalaa Dooktar Yaadataa Dasseen, Hospitaalichatti Maashinoonni tajaajila qorannoo Maaykiroobaayooloojii eegaluun rakkoo fayyaa hawaasa Baha biyyattii furuun cinatti qo’annoo fi qorannoo dhimma fayyaafis kan tajaajilan ta’uu ibsaniiru.
Yuunvarsiitiin Haramaayaa yuunivarsiitii hawaasaa ta’uu isaa mirkaneessuuf yeroo kamiiyyuu dhimma fayyaa hawaasaa irratti cimee kan hojjatu ta’uus Dooktar Yaadataan eeraniiru.
Daayreektarri olaanaan Kiliinikaalii Hospitaala Hunda Galeessa Ispeeshaalizdii Hiwot Faanaa Yuunvarsiitii Haramaayaa Dooktar Ahmad Muhaammad Hospitaalichi hawaasa Baha Ityoophiyaaf tajaajila qulqulluu fi saffisa qabu kennuuf kutannoon hojjachaa jiraachuu himaniiru.
Nageessoo Kadiirtu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.