Fana: At a Speed of Life!

Hospitaala waliigalaa Yaaballootti daa’imman lakkuun walitti maxxanuun dhalatan

Finfinnee, Mudde 17, 2016 (FBC) – Godina Booranaa Aanaa Yaaballoo Hospitaala Waliigalaa Yaaballootti daa’imman lakkuun walitti maxxanuun dhalatan.

Daa’imman lakkuun walitti maxxanuun dhalatan lamaanuu dhiira ta’uu ibsameera.

Haati daa’imman kanneenii Godina Boorana Bahaa jiraattuu aanaa Waacillee akka ta’an himameera.

Daa’immaan kunneen Naannawaa lapheen walitti maxxananii dhalachuuu Hospitaala Waliigalaa Yaaballoo Ispeeshaalistii ulfaa fi gadaamessaa Dooktar Waariyoon Duubaa himaniiru.

Carraan gara fuula duraa daa’immaan kanneenii maal akka ta’uu danda’u qorannoon kan gaggeeffamu ta’uu dubbataniiru.

Taateen akkanaa sababoota garaagaraan kan mudatu ta’uu fi qorannoo fi yaalli dabalataa Hospitaala sadarkaa itti aanuutti kan gaggeeffamu ta’uu Ogeessi yaala baqaqsanii yaaluu Hospitaalichaa DooktarGizaaw Taakkalaan ibsaniiru.
Addis Taammiraatiitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.