Fana: At a Speed of Life!

Hospitaala waliigalaa Aggaarootti ijaarsi gamoo yaala tasaa baatii 9 keessatti xumurame

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC) – Hospitaala waliigalaa Aggaarootti ijaarsi Gamoon yaala tasaa Birrii miiliyoona 12n hojjetamaa ture baatii 9 keessatti xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’uu ibsame.

Gamichi deeggarsa Ministeera Fayyaarraa argame Birrii miiliyoona 12n kan ijaarame yoo ta’u, kutalee wal’aansaa, qorichaa fi laabraatoorii kan of keessatti qabateedha jedhame.

Meeshaaleen wal’aansaa kanneen akka Oksijiinii, Siree fi meeshaaleen labraatoorii Birrii miiliyoona 3tti tilmaamamuun guutamuufii himameera.

Hojii gaggeessaan Hospitaala Aggaaroo Dooktar Abdulkariim Gaalib Hospitaalichi kana dura hanqina Gamoon yaala tasaa qabaachuu dubbachuun, ijaarramuun gamichi hanqinicha kan furu ta’uu FBCtti himaniiru.

Ijaarsi gamichi baatiwwan 9 keessatti xumuramuu fi boruu jalqabee tajaajila laachuu kan eegalu ta’uu Dooktar Abdulkarim ibsaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.