Fana: At a Speed of Life!

Hospitaala Diil Corraa Dirree Dhawaaf deeggarsi Birri miiliyoona 22 taasisifame

Finfinnee, Mudde 13, 2015(FBC)- Mineesootatti Waldaan Dirree Keer jedhamuu Hospitalaa Diil Corraa Dirree Dhawaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 22 taasise.

Deeggarsichis dhalattoota Dirree Dhawaa Mineesootaa jiraatanii fi michuuwwaaniin kan taasifame ta’uun eerameera.

Kaantibaan Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, dhalattoonni Dirree Dhawaa biyyoota biroo jirataniis deeggarsa walfakkataa akka taasisanii fi jalaala biyya isaaniif argisiisuu qabu jedhan.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Bulchinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Aadde Lamlam Baazaabii gama isaaniin, deeggarsichi jiraattoota naannawichaa fi magaalichaaf yaala fooyya’aa akka argatan taasisa jedhan.

Deeggarsicha kan kennan Bakka bu’aan Dhaabbata Dirree Keer Obbo Filaa Ahimad, waldaan isaanii kana duraas deeggarsa walfakkaatu taasisuu eeruun, fuuldurattis dameewwan hanqina qabanirratti deeggarsa taasisu akka itti fufaan dubbataniiru.

Deeggarsi taasifamees, Maashinoota Altrasawondii, Wilchaarrii fi meeshaalee tajaajila yaala cibsanii yaaluuf gargaaran ta’uun eerameera.

Naasir Yusuuftu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.