Fana: At a Speed of Life!

Horsiisee Bultoonni Godina Booranaa sababa hongeen rakkoo cimaaf saaxilamuu ibsan

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC) – Horsiisee Bultoonni Godina Booranaa sababa hongeen qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’uun Aanaa Dubluq keessa qubatan hanqina midhaan nyaataaf saaxilamuu himan.

Buqqaattonni sababa hongee godinichatti muudaten qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an kunneen hanqina midhaan nyaataaf saaxilamuu FBCtti himaniiru.

Erga qe’ee fi qabeenyaa isaanirraa buqqa’anii waggaa tokko ol ta’uu ibsaniiru.

Baayyina jiraattoota godinichaa sababaa hongeen qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’anii fi hammi deeggarsa dhiyaataa jiruu kan wal hin ginne ta’uu ibsaniiru.

Hanqina midhaan nyaataa fi Bishaanii mudate daa’immanii fi Maanguddoota rakkoo fayyaaf saaxilaa jiraachuu eeraniiru.

Godinichatti lakkoofsi namoota sababa hongeen qe’ee isaanirraa buqqa’anii kuma dhibba 6 fi kuma 4 yoo ta’aan,namonni kuma dhibba 8 ol ta’an ammoo midhaan nyaata hatattamaa kan barbaadan ta’uu ragaan Waajjirra Buusaa Gonofaa godinicharraa argame ni mul’isa.

Jilli Ministira Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtamuu Ittafaan durfamuu hawaasa kanneeniif deeggarsa midhaan nyaata Birrii miiliyoona 2.3 olitti tilmaamamu taasiseera.

Rakkoo hawaasa godinichaa mudataa jiru furuuf ministeerrichi xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu Dooktar Injiinar Haabtamuun himaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.