Horroo Guduruutti Miseensonni WBO karaa nagaan gala jiraachuun ibsame
Finfinnee, Mudde 5, 2017 (FMC)-Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti waliigaltee nageenya waareessuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi WBO gidduutti taasifame hordofee miseensonni garichaa karaa nagaan galaa jiraachuun ibsame.
Haaluma kanaan miseensota WBO waamicha nagaa owwaatanii galaa jiraniif Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee fi qaamolee hawaasaa garaagaraa simachaa jiraachuu ragaan Biiroo Kominikeeshnii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia