Hoospitaalli ispeeshaalaayizdii Qidduus Peexroos tajaajila yaala idile addaan kutee ture eegaluufi
Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC)- Hoospitaalli ispeeshaalaayizdii Qidduus Peexroos tajaajila yaala idilee fi covid-19 laachuuf qophii duraa xumuruun gara hojiitti galu beeksise.
Hoospitaalichi guutummaa guutuutti yaalamtoota covid-19f tajaajila laachaa kan ture.
Hoospitaalichi ibsa Faanaa Broodkaasiting Koorporeetif ergeen, yeroo ammaa kana yaala covid-19 fi idilee walfaana laachuu eegaluufi.
Hoji gaggeessaan olaanaa hoospitaalichaa Dooktar Taammiruu Asaffaa, lakkoofsi dhukkabsatoonni covid-19 hanga eegamee ta’uu dhaabuu fi dhukkubsatoonni hedduun mana isaatti waan of kunuunsaanif akkasumas iddoo tursiisaa biraatti yaalamaa jiraachuu ibsaniiru.