Fana: At a Speed of Life!

Hoomaan hantuutaa paarlaamaa Paakistaan weeraruun yaaddoo uume jedhame

Finfinnee, Hagayya 15, 2016 (FBC) – Hoomaan hantuutaa Gamoo paarlaamaa Paakistaan weeraruun yaaddoo uumuu gabaafame.

Gosoonni hantuutaa gamoo kana keessa jiran qaamni isaanii baayyee gurguddaa ta’uurraa kan ka’e adurroonnillee ni sodaatu jedhame.

Hoomaan hantuutaa kunneen galma paarlaamaa weeraruun hookkara uuman, miseensota paarlaamaa akkaan burjaajessuu eerameera.

Yeroo hoomaan hantuutaa gamoo paarlaamaa weeraran miseensi paarlaamaa tokko sanadi kora waggoota dura gaggeeffamee turee akka dhiyaatuuf wayita gaafatetti.

Sanadi kun hantuutaan nyaatamee bututaansaa argamuu dubbi himaan mana maree biyyaalessaa Zaafaar Sultaan BBCtti himaniiru.

Hoomaa hantuutaa adurroonni sodaatan kunneen dhabamsiisuuf manni marichaa baajata Doolaara kuma 4 fi 300 ramaduun caalbaasii baasuu eerameera.

Hoomaan hantuutaa kunneen galma walga’ii paarlaamaa fi iddoowwan nyaata itti nyaatan hedduu weeraraniiru.

Paarlaamaa biyyattii qaama hoomaa hantuutaa kana balleessuuf barbaaduuf gaazexaa fi miidiyaaleerratti beeksisa baaseera.

Haata’u malee, hanga ammaa hantuutota qaamaan gurguddaa ta’an kunneen balleessuurratti hojjechuuf fedhii kan agarsiisan dhaabbilee lama qofa ta’uu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.