Hooggantoonnii fi ogeeyyiin sadarkaan jiran kenna tajaajilaafi itti quufinsa uummataa mirkaneessuuf hojjechuu qabu – Obbo Awwaluu Abdii
Finfinnee, Guraandhala 26, 2016 (FBC) – Hooggantoonnii fi ogeeyyiin sadarkaan jiran kenna tajaajilaafi itti quufinsa uummataa mirkaneessuuf hojjechuu akka qaban Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin hubachiisan.
Koreen Taaksi Foorsii Oromiyaa har’a bakka Pireezidaantiin Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Walitti Qabaan Korichaa Obbo Awwaluu Abdiin argamanitti sadarkaa riifoormiin kenna tajaajilaa irra jiru akkasumas to’annoo fi hordoffii tasaa kenna tajaajilaa ilaalchisee Biiroo Paablik Sarviisiifi Qabeenya Humna Namaa Oromiyaatiin gaggeeffame qorachuun kallattii kaa’eera.
Akka waliigalaatti kenni tajaajilaa Naannoo Oromiyaa tajaajiloota bittinnaa’an gara tokkootti fiduun tajaajilli iddoo tokkoo akka babal’atu, deddeebii hir’isuun itti quufinsa abbaa dhimmaa kan dabalu, tuttuqqiirraa bilisa ta’uun gara dijiitaalaatti ceesisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qabas jedhameera.
Kanaafimmoo haala qabatamaa Naannoo Oromiyaa giddugaleessa godhachuun muuxannoon biyyaafi biyya alaa fudhatamee hojiirra ooluu akka qabu ibsameera.
Hojiin riifoormii kenna tajaajilaa fooyyessuuf hojjetamu kamiyyuu muuxannoo akka naannootti kanaan dura jiru guutummaatti dhabamsiisee kan ka’u osoo hin taane muuxannoo jiru irratti ida’uun hojii hanga yoonaa fooyyessaafi ammayyeessaa kan deemu ta’uu akka qabu Pirezidaantiin Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Walitti Qabaan Koree Taaksi Foorsii Fooyya’insa Kenna Tajaajilaa naannichaa Obbo Awwaluu Abdii dubbataniiru.
To’annoofi hordoffii kenna tajaajilaa tasaa guyyaa kaleessaa taasifameen walqabatee bakka muraasatti wanti gaarii jiraatus iddoowwan hordoffiin taasifame hedduutti sa’aatii hojii mootummaafi guyyaa abbaa dhimmaa kabajuu, istaandaardii hojii qopheessuufi hojiirra oolchuu, simannaafi itti qufinsa abbaa dhimmaa mirkaneessuu, galmee yaadaa, baajii godhachuufi kan biroorratti hanqinni guddaan akka jiru hubatameera.
Manneen hojii hooggansiifi hojjetaan bakka hojiisaaniitti argamuu dhabuun abbaa dhimmaa deddeebiif saaxilanis saamsamaniiru.
To’annaafi hordoffii tasaa taasifameen hojjetaan karooraafi gabaasa qopheeffachuu dhabuu, dallaalaan kenna tajaajila mootummaa keessaa harka qabaachuufi hooggansi hojjetaafi hojii to’achuu dhabuun akka argannootti adda ba’eera.
Rakkoo kenna tajaajilaa naannichaa hundeerraa furuuf rakkoo ilaalchaa, hanqina beekumsaa, bu’uuraalee kenna tajaajilaa, fedhii jijjiiramaa, hoj-maataafi sirna ittigaafatamummaa akkasumas kutannaafi beekumsaan hoogganuu hooggansa mootummaa sadarkaan jiru bira jiru furuun akka barbaachisu eerameera.
Kenna tajaajilaan walqabatee hooggantoonnii fi ogeeyyiin sadarkaan jira kallattii mootummaan yeroo yeroon kaa’u hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban Obbo Awwaluun hubachiisuu ragaab BKO irraa argame ni mul’isa.