Hooggantoonni fi hojjettoonni ministeericha sochii “ Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti” jedhuuf mallattoosaanii kaa’an
Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)-Hooggantoonni fi hojjettoonni Ministeeraa Daldalaa fi Indaastirii sochii “ Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti” jedhuuf mallattoosaanii kaa’aniiru.
Hooggantoonnii fi hojjjettoonni Ministeerichaa dhugaa Ityoophiyaan qabdu hawaasa idil-addunyaaf beeksisuuf sochichatti makamuu ibsameera.
Ministir Minsteera Daldalaa fi Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal yeroo ammaa kana Ityoophiyaa diiguu fi dadhabsiisuuf addoonni waraanaa sadii banamuu ibsuun, addi jalqabaa hariiroo dippiloomaasii biyyatti balleessuuf dhugaa jiru kan dabsuuf warreen socho’an akka ta’e himaniiru.
Kana qolachuuf sadarkaa biyyatti sochiin “ Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti” jedhuun Ityoophiyaanota miiliyoona 5 hirmaachisuuf duula qophaa’erratti hooggantoonnii fi hoojjetoonni ministeerichaa deeggarsa taasisaniif galateeffachuusaanii ragaan Ministeericharraa argame nu muul’sa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.