Fana: At a Speed of Life!

Hooggantonni hojii olaanoo ministeera fayyaa guyyaa waliinii ogeessota fayyaa hoospitala garaagaraatti argaman waliin dabarsaniiru

Finfinnee, Qaammee 2, 2012(FBC)- Hooggantonni hojii olaanoo ministeera fayyaa guyyaa waliinii hoospitaalota garaagaraatti vaayrasii koroonaatin gidduugala tursiisa addaa keessaatti kan argamaan ogeesssota fayyaa fi kanneen deeggarsa ogummaa taasisan waliin dabarsaniiru.

Hooggantonni kanneen giddugala yaala covid-19 galmaa Barkuume, Hospitaala Riiferaala Xiqur Ambassaa, Koolleejji Meedikaalaa Barkumeetti Hospitaala Qidduus Phaawloos, Hoospitaala Ispeeshaalaayizdii Sammuu Amaanu’eel, Hospitaala Yaadannoo Zaawditu, gidduugala yaalaa Eekkaa Kotobeetti kan argaman kutaa yaala garaagaraa keessatti tajaajila fayyaa laataan waliin guyyaa waliinii dabarsaniiru.

Hawaasni ofi isaa vaayrasii koroonaarra akka of eeguuf gorsa ogeeyyin fayyaa laataan akka hojiirra olchaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.