Hongeen naannoo Somaaleetti muudate hanga Baatii Eebilaatti itti fufuu danda’a – Obbo Musxafee Mahaammad
Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC) – Hongeen naannoo Somaaleetti muudate hanga Baatii Eebilaatti itti fufuu akka danda’u Preezdaantiin naannichaa obbo Musxafee Mahaammad beeksiisan.
Preezdaantiin naannoo Somalee obbo Musxafee Mahaammadii fi hoggantoonni naannichaa biroon haala hongee naannicha muudate dandamachuun danda’umurratti Ityoophiyaatti Daayreektara USAID Seen Joonsi waliin mari’ataniiru.
Hongichi hanga Baatii Eebilaa bara 2014tti itti fufuu akka danda’u Preezdaant Musxafeen ibsaniiru.
Hanqina midhaan nyaataa sababa hongeen hawaasa naannichaa muudachuu danda’u ittisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Haala nyaata loonii dhyeessuun dandamurrattis hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.
Ityoophiyaatti daayreektarri USAID Seen Joonsi gama isaaniin dhaabbanni isaanii lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf murannoon kan hojjetu ta’uu himuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.