Fana: At a Speed of Life!

Hongeen naannoo Kibbaa aanaalee muraasa keessatti mudate lammiileefi beelladootarra miidhaa akka hin geessisneef hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015(FBC)- Hongeen naannoo Kibbaa aanaalee muraasa keessatti mudate lammiileefi beelladootarra miidhaa akka hin geessisneef hojjetamaa jirachuu ibse.

Sababa hanqina roobaan aanaalee godinota Guraagee, Silxee, Hadiyyaa, Alaabaa, Walaayittaafi Gaamoo muraasa keessatti hongeen mudachuu Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaasatara Baadiyyaafi Hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa Usmaan Surur turtii Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Oomishini lafa heektaara kuma 342 irra balaa hongee kanaan guutumaan guutuutti manca’uu dubbataniiru.

Godinaalee kanneenitti qorannoo gaggeeffameen lammiileen miiliyoonni 2 deeggarsa ariifachiisaa kan barbaadan ta’uu mirkanaa’uu eeraniiru.

Lammiileefi beelladootarra miidhaa cimaan akka hin qaqqabneef Manni Maree Hoggansa Sodaa Balaa naannichaa murtoowwan garaagaraa dabarsuun deeggarsa dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hawaasni lammiilee kanneeniif akka birmatu waamichi dhiyaachuufi godinaaleen hundi gaheesaanii akka ba’ataniif hojiileen hojjetamuu ibsaniiru.

Balaay Tasfaayeetu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.