Fana: At a Speed of Life!

Hongeen Ityoophiyaatti muudate jijjiirrama qabeenya qilleensa addunyaatti muudateef saaxilamuu agarsiisa jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2014 (FBC)- Hongeen Ityoophiyaatti muudate jijjiirrama qabeenya qilleensa addunyaatti muudateef saaxilamuu agarsiisa jechuun Ejansiin Meetirooloojii Biyyoolessaa ibseera.

Daayreektarri akeekkachisa duraa ragaa qilleensa ejansichaa Caalii Dabalee, Ityoophiyaatti keessaayu iddoowwan gammoojjii Somaalee, Booranaa, Gujii fi Baaleetti hongeen muudatee galaana Paakistaan irra kan ka’uu qilleensi ‘Laalinaa’ jedhamu qorri idileen ol ta’ee qaqqabsiisuun hanqinni roobaa mudateera jedhan.

Kana dabalates jijjiirramni qabeenya qilleensaa fi balaawwan kanaan walqabatanii ka’aan kan raaguu ejansiin meetirooloojiin biyyaalessaa raagni taasifamus gaggabaaboo kan ta’aan malee fageenya kan qaban miti jedhaniiru.

Yeroon ragaa dheeraa waggoota 2 hanga 7 yoo ta’u, kunis amalaa bishaanoota gurguddoo fi jijjiirramaa qabeenya qilleensarratti kan murtaa’u ta’u eeraniiru.

Yeroo amma kana yeroon ‘laalinaa’ ga’aa jira kan jedhan daayreektarichi, iddoowwan hongeen muudateetti baatiwwan lama booda carraa roobaa akka jiraatuu raagonni ni eeruu jedhaniiru.

Sooddoo Lammaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.