Hongee Naannoo Somaaleetti muudate qolachuuf kutaaleen hawaasaa deeggarsa taasiisuu akka qaban waamichi dhiyaate
Finfinnee, Sadaasa 30, 2014 (FBC) –Manni Maree Nageenyaa fi Tokkummaa naannoo Somaalee hongee naannichatti muudate hordofee kutaaleen hawaasaa deeggarsa barbaachisu taasiisuu akka qabu waamicha dhiyeesse.
Manni Marichaa hongee naannichatti muudate ilaalchisee ibsa laateera.
Ummata naannichaa sababa hongee muudateen qa’ee isaanirraa buqqa’aa jiran kutaaleen hawaasaa deeggarsa barbaachisu akka taasiisan waamicha dhiyeesseera.
Hawaasni diyaaspooraas lammiilee kanneen baraaruuf qooda isaanii akka ba’an gaafataniiru.
Dhaabbileen deeggartootaa kutaalee hawaasaa kanneeniin dandamachiisuuf deeggarsa irraa eegamu akka taasiisan waamichi dhiyaachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.