Fana: At a Speed of Life!

Hongee naannoo Somaaleetti mudate dandamachiisuuf  boolla bishaanii qotuuf mootummaa naannichaa waliin qindoominaan ni hojjetama- Prezdaant Saahilawarq Zawdee

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC)– Hongee naannoo Somaaleetti mudate dandamachiisuuf boolla bishaanii qotuuf mootummaa naannichaa waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu Prezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee ibsan.

Naannichatti hongee mudateen lammiilee hedduu qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif dhiyeessiin bishaanii taasifamuu akka qabu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Daawwannaa tibba darbe naannichatti taasisaniin lammiileen buqqa’an keessumaa dubartoonni hanqinni bishaanii yaaddessaa ta’uu kaasuufii eeraniiru.

Gaaffii isaanii kanaaf Waajjirri Preezdaantii naannichatti lammiilee sababa hongeen qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’aniif baatii tokkoof guyyaatti bishaan boottee 5 dhiyeessuu eegaluu kaasaniiru.

Rakkocha saffisaan to’achuuf qotiinsa boolla bishaaniif mootummaa naannichaa waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.