Fana: At a Speed of Life!

Hongee muudate qolachuuf bulchiinsa bishaanii fi walitti hidhamiinsa gabaarratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha -MM Abiy

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2014 (FBC) – Muummeen Ministira FDRI Abiy Ahimad ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf laataniin hongee muudate qolachuuf bulchiinsa bishaanii fi walitti hidhamiinsa gabaarratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Hongee godina Booranaa fi naannoo Somaaleetti muudateen qaamaan achitti argamuun ilaaleera jedhan.

Rakkicha dandamachiisuufis deeggarsi nyaata guyyaa guyyaa taasifameera jedhaniiru.

Akkasumas margi beelladootaa fi bishaan bootteedhan dhiyaachaa jira jedhan.

Hongee muudateenis hanga ammatti lubbuu nama hin miidhamne jedhaniiru.

Rakkoo inni guddaan bulchiinsa bishaanii fi  walitti hidhamiinsa gabaati jedhaniiru.

Godina Booranaa fi naannoo Somaaleetti proojektiin bishaanii xiyyeeffannoon kan hojjetaman ta’uu kaasaniiru.

Akkasumas horsiisee bultoonni horii isaanii gatii madaalawaan akka gurgurataniif walitti hidhamiinsa gabaarratti ni hojjetamaa jedhaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.