Fana: At a Speed of Life!

Hongee Ityoophiyaatti mudateef deebii laachuuf Doolaarri biiliyoonni 2 ni barbaachisa jedhame

Finfinnee, Bitootessa 7, 2015 (FBC) – Hongee Ityoophiyaatti mudateef deebii laachuuf Doolaarri biiliyoonni 2 kan barbaachisu ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa beeksiseera.

Biirichi haala hongee Ityoophiyaa mudate ilaalchisee gabaasa baaseen waqtiiwwan roobaa shan osoo hin roobiin hafuun isaa Kibbaa fi Baha Ityoophiyaatti rakkoo hamaa qaqqabsiisuu eereera.
Lammiileen miiliyoonni 24 ol naannawaa hongeen muudate keessa kan jiraatan ta’uu kaaseera.

Sababa hongichaan namoonni miiliyoonni 11 hanqina midhaan nyaataaf saaxilamuu ibseera.

Beelladoonni miiliyoonni 6.85 du’uu isaanii himeera.
Biyyattiitti deeggarsi yeroo ariifachiisaa kan barbachisu ta’uu ibseera.

Hongee mudateef deebii laachuuf Doolaarri biiliyoonni 2 kan barbaachisu ta’uu gabaasa isaan eereera.

Dhaabbileen deeggartootaa deeggarsa namoomaa hatattamaa laachuu akka qaban waamicha dhiyeesuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.