Fana: At a Speed of Life!

Hongee godinichatti mudateen walqabatee qaamoleen garaagaraa deeggarsa akka taasisan jiraattonni gaafatan

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC)– Hongee godina Booranaatti mudateen walqabatee qaamoleen garaagaraa deeggarsa taasisaa turanis miidhaa qaqqabsiiseen walbira qabamee yoo ilaalame ga’aa waan hin taaneef deeggarsi dabalataa akka taasifamuufiif jiraattonni godinichaa gaafatan.

Hawaasni horsiisee bulaa beelladoonni bu’uura jiruuf jireenya isaa ta’e balaaf saaxilamuusaan rakkoolee hawaasumaa fi diingadee cimaaf saaxilamuu jiraatootni Godinichaa Tuuta gaazexesitoota FBC’tti himaniiru.

Hongeen kun Aanaalee Godinichaa 13 fi Bulchiinsa magaaloota lama keessatti kan mudate.

Sababa hongee kanaan Uwwisni bishaanii % 53 ture gara % 28 gadi bu’uu, gatiin beelladootaa gadi bu’uu fi qaala’insi gabaa immoo dabaluu eeraniiru.

Hongee mudateen namoota irratti miidhaa lubbu akka hin geesisnee deggarsi nyaataa fi bishaanii taasifamaa jiru gahaa akka hin taane himuun deegarsiichi cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Godinichi qabeenya beelladaa miliyoona 6 fi kuma dhibba 8 ol kan qabu yoo ta’u wayta ammaa lakkoofsi beelladoota du’anii fi du’aaf dhiyaatan kuma dhibba torba ga’uu ragaan waajjira bulchiinsa godiinichaarraa argame ni mul’isa.

Muuluu Waaqshumeetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.