Fana: At a Speed of Life!

Hongee Godina Booranaatti muudateef deeggarsi uummanni taasisuu cimee itti fufuu qaba- Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Hongeen bara kana Booranaatti muudate cimaa waan ta’eef deeggarsi uummataan taasifamu cimee itti fufuu akka qabu Abbaa Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo gaafataniiru.

Hongee roobni baatii Hagayyaa fi Gannaa dhabamuun mudateen hanqinni bishaanii fi nyaataa beeyladaa fakkasumas namaa mudachuu isaatin hawaasnii rakkoo jajjabduu keessa jira jedhan.

Beeyladni hawaasa horsiisee bulaaf madda diinagdee fi bu’uura jireenya isaati kan jedhan Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo sababa hongeen kanaan hawaasni lowwan hedduu du’aan dhabeera jedhan.

Hawaasni beeylada harkaa dhabuu isaatiiniis rakkoolee diinagdeefi hawaasummaaf saaxilameeraan dubbatan.

Hawaasicha gargaaruuf qaamolee garagaraa tumsa taasifamaa jiruuf galateeffachuun ciminaa rakkoo mudatee waliin yoo ilaalamu deegarsii qaqqabaa jiru gahaa akka hin taane kaasaniiru.

Hawaasichi rakkoo mudate keessaa hanga bahutti deeggarsi gama motuummaafi mit motummaan akkasumas deeggarsi lamiileen hundii taasiisaan cimee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.

Muuluu Waaqshuumeetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.