Fana: At a Speed of Life!

Hongee godina Booranaatti muudatee dandamachiisuuf kallatti garagaraatin deeggarsi taasifamuu cimee itti fufeera

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Hongee godina Booranaatti muudatee dandamachiisuuf kallatti garagaraatin deeggarsi taasifamuu cimee itti fufeera.

Artiist Sinnishaaw Mul’ataa fi dargaggoonni ganda Furii fi naannawaa ishee dhaadannoo “Nutis ilmaan Booranaatii” jedhuun hongee godina Booranaatti muudateef uummata  daandamachiisuuf nyaata loonii fi bishaan dhugaatii bituun deeggarsa taasisaniiru.

Dargaggoonni kunneen waamicha waliif taasiisuun yeroo gabaabaa keessatti Birrii miiliyoona 2 ol waliitti qabuun deeggarsicha bituun isaanii ibsameera.

Qaamoleen hawaasaa hundii har’a boruu osoo hin jedhin deeggarsa barbaachiisaa taasisuu akka qabaniis waamicha dhiyeessaniru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa Aadde Alfiyaa Abdurhaamaan  murtoo dargaggootaa dinqisiifachuun galateeffataniiru.

Tokkummaa fi kaayyoodhaan yoo hojjetan yeroo gabaabaa keessatti milkaa’uu kan danda’amuu ta’uu isaa kan himan Aadde Alfiyaan, Hooggansi haaraanis dargaggoota kutannoo fi quuqama qaban waliin hojjechuuf qophii akka ta’aan himaniiru.

Dargaggoonni biroos muuxannoo kana fudhachuun lammii isaanii cinaa dhaabbachuu akka qabaniis ergaa dabarsuusaanii ragaan waajjira dhimmoota kominikeeshinii mootummaa magaalaa Sabbataarra argame ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.