Hokkoraa fi jeequmsaan fedhii siyaasaa galmaan ga’uuf dhama’uun yaalii milkaa’uu hin dandeenyedha – Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Finfinnee, Caamsaa 6, 2015 (FBC) – Hokkoraa fi jeequmsaan fedhii siyaasaa galmaan ga’uuf dhama’uun yaalii milkaa’uu hin dandeenye ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.
Ityoophiyaan adeemsa jijjiiramaa erga eegaltee waggoota shan lakkoofsisuu ibseera.
Waggoota kanneen keessatti injifannoowwan yaadaman galmaa’uu eereera.
Dameewwan Hawaasummaa, Diinagdee fi Siyaasaan hojiileen biyyattii fuulduratti tarkaanfachiisuu danda’an hojjetamuu ibsa isaan himeera.
Injifannoon kun haala rakkisaa keessatti injifannoo galmaa’e ta’uu ibseera.
Bu’aa qormaatilee hedduu keessa darbuun argame ta’uu eerera.
Barii Jijjiiramichaa eegalee shirri bal’aan irratti xaxamaa turuu ibseera.
Jijjiiramicha xureessuun hoggantoota abdii kutachiisuuf duulli maqaa balleessii fi yaaliwwan garaagaraa taasiifamaa turuu himeera.
Shirichi lubbuu hoggantoota qaroo fi lammiilee galaafachuu, lammiilee miiliyoonaan lakkaawwaman qa’ee fi qabeenya isaanirra buqqisuu eereera.
Yaa ta’uutii ammaan booda hokkora,jeequmsa fi meeshaa waraanaan aangoo mootummaa argachuun yeroon isaa darbuu ibseera.
Ityoophiyaan wayita aangoo karaa nagaan dabarsuu keessa jirtutti, gareewwan abdii kutatan, yaada finxaaleyyiin gurmaa’uun mootummaa humnaan diiguuf boolli hin qonnee fi imalli isaan hin malle kan hin jirre ta’uu eereera.
Kutaalee biyyattii garaagaraatti gareewwan yaada finxaaleeyyiin gurmaa’aan nageenyaa fi tasgabbii ummataa booreessuuf socho’aa jiraachuu himeera.
Finxaaleeyyiin kunneen yeroo tokko amantaa, yeroo biraa ammoo saba da’eeffachuun aangoo mootummaa to’achuuf shira hedduu xaxaa jiraachuu eereera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.