Fana: At a Speed of Life!

Hojmaanni qulqullinaa fi amanamummaa oomishaaleen alaa galan itti mirkana’uu ifoome

Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC) – Hojmaanni qulqullinaa fi amanamummaa oomishaalee teeknooloojii soolaarii biyyoota alarraa galan itti mirkanaa’uu fi sadarkaa laatu ifoomuu ibsameera.
Ityoophiyaan sagantaa Elektrifikeeshinii biyyaalessaa “Ifa hundaaf” jedhu hojiirra oolchaa jirtuun bara Faranjootaa 2025 lammiilee % 35 ta’an uwwwisa ibsaa waliinga’uuf karoorfattee hojjechaa jiraachuu Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjiitti Ministir Deetaan damee Inarjii Dooktar Firehiyiwoot Waldehaannaa ibsaniiru.
Karooricha galmaan ga’uuf teknooloojiiwwan soolaarii hedduun biyya kan seenan yoo ta’u, teeknoolojiiwwan soolarii hawaasaaf raabsaman qulqullina gadi aanaa fi yeroo tajaajilaa gabaabaa kan qaban ta’uu isaatiin fayyadamtootaa fi dhiyeessitootarraa komiin ka’uu ibsaniiru.
Dhhaabbannii Mirkaneessa Amanamummaa Ityoophiyaa Oomishaalee Soolaarii alaa galan qulqullinaa fi amanamummaa isaanii mirkaneessuuf Dhaabbilee Biiroo Veeriitaas fi Kooteeknaa jedhaman waliin waliigaltee mallatteessuu ragaan Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjiirraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.