Hojmaanni bittaa kurmaana dhumaa raawwatamu hambisu hojiirraa ooluufi
Finfinnee, Caamsaa 25, 2015 (FBC)- Dhaabbileen mootummaa kurmaana dhumaa waggaarratti bittaawwaan raawwatan hambisuuf homaanni tumsu bara dhufuu eegalee guutummaatti hojiirra kan oolfamu ta’uu Abbaan Taayitaa Bittaa fi Qabeenyaa Mootummaa beeksise.
Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Hajii Ibsaa akka himanitti, dhaabbileen bittaa hinkaroorfamne kan raawwatan irra jireessaan kurmaana dhumaa waggaarratti kan xiyyeeffateedha.
Kurmaana 4ffaarratti bittaawwan raawwataman rakkoolee bulchiinsa gaariif carraan saaxilamuu isaanii bal’aa ta’uu fi “Argannoon ooditarootaa %90 bittaa dhaabbileen dhuma waggarratti raawwataaniin kan walqabatudha” jedhan.
Dhaabbileen maal bituu akka qaban, yoom akka bitan, eessaa akka bitamu, adeemsi caalbaasii akkam ta’a dhimmoota jedhanirratti karoorfatanii hojjechuurratti hanqinni bal’aan akka mul’atu himaniiru.
Baajatni biyyattii %65 bittaaf kan oolu ta’uu kaasanii, sirni dhaabbileen, kurmaana dhuma waggaarratti bittaa raawwatan bara dhufu irraa eegalee akka hinjiraannee fi bittaawwan hinkaaroorfamne hambisuuf sirni bittaa eelektirooniksii mootummaan hojiirraa oolchuuf jiru murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Bara 2016 irraa eegalee dhaabbilee federaalaa hundaatti sirni bittaa eelektirooniksii hojiirra oola jechuun Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.