Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoonni Siiviil Sarvisii duudhaa amanamummaa fi miira tajaajiltummaa goonfachuu qabu – Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee,Waxabajjii 17, 2012 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen guyyaa Paabliik Sarvisii ilaalchisuun waltajjii marii viidiyoo koonfarsansii Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii qopheesserratti hirmaantaniiru.
 
Dubbii wayita kana taasisaniin,hojjetoonni Siiviil Sarvisii dhaabbilee ijaaruuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
 
Ga’een isaanis garaagarummaa Siyyaasaa caalaa biyya ceesisuu fi itti fufsiisu mirkaneessuu qaba jedhan.
 
Preezdaanti Saahilawarq hojjettoonni siiviil sarvisii duudhaa amanamummaa fi miira tajaajiltummaa goonfachuu akka qaban ergaa dabarsaniiru.
 
Yeroo guyyaan Paabliik Sarvisii yaadatamu wayita addunyaa dhiibbaa hammaataan qunname kanatti lubbuu lammiilee baraaruuf tajaajiltoota wareegama olaanaa kaffalaa jiraniif kabaja kennuutu barbaachisa jedhan.
 
Of kennaniin biyyaa fi lammii ofii tajaajiluu caalaa wanti nama boonsu hin jiru jechuu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.