Hojjettoonni mootummaa fi dargaggoonni godina Jimmaa sochii “ Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti” jedhuutti makamaan
Finfinnee, Fulbaana 11, 2014 ( FBC)- Hojjettoonni mootummaa fi dargaggoonni godina Jimmaa sochii “ Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti” jedhuuf mallattoosaanii kaa’aniiru.
Hojjettoonni mootummaa fi dargaggoonni akkasumas qooda fudhattoonni sirna kana irratti hirmaatan dhugaa Ityoophiyaan qabdu hawaasa idil-addunyaaf beeksisuuf sochichatti makamuu ibsaniiru.
Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Abdulhaakim Muluu, yeroo ammaa kana Ityoophiyaa diiguu fi dadhabsiisuuf qaamoleen alaa fi keessaa wal hidhatanii socho’aa jiraachuu ibsuun, dhugaa biyya keenyaa addunyaaf beeksisuu irratti xiyyeeffannee hojjachuu qabna jedhaniiru.
Itti Gaafatamaan Liigii dargaggootaa Godina Jimmaa Dargaggoo Dimaamuu Nigaatuu dargaggootni dhugaa Itoophiyaa addunyaaf gahee adda durummaa bahachuu qabu jechuun ibsuusaanii ragaan waajjira kominikeeshinii godina Jimmaarra argame ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.