Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoonni Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa 2 to’ataman

Finfinnee, Amajjii 15, 2015 (FBC)- Itti gaafatama isaanitti kennamee da’eeffachuun meeshaalee kontiroobaandiin alaa galfaman dabarsuuf kan yaalaan hojjettoonni Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa lama to’annoo jala oolfaman.

Bufata Xiyyaaraa Idil Aduuyaa Booleetti to’annoo fi ittisa weerara vaayirasii koronaa akka gaggeessaniif kan ramadaman hojjettoonni Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa imaltoota alarraa dhufan harkaa meeshaalee kontiroobaandii fuudhanii dhoksaan dabarsuuf yoo yaalaan harkaa fi harkatti qabamuu ragaan koomishinii gumurukaarraa argame ni mul’isa.

Koomishinii Gumurukaatti Waajjirri Damee Daandii Qilleensaa Amajjii 12 fi 13, 2015 hordoffii taasiseen hjjettooni kunneen itti gaafatama isaanii da’eeffachuun bilbiloota ammayyaa’aa 42 fi qaamolee jijjiirraa bilbiloota ismaartii dhoksuun fuudhanii ba’uuf yoo yaalan akka to’ataman beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.