Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoonni hamma galii taaksii hir’isuun Birrii miiliyoona 3.7 matta’aa fudhachuuf turan to’ataman

Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC) – Hojjettoonni Ministeera Galiiwwanii Maallaqa galii taaksii olaanaa ta’e hir’isuun Birrii miiliyoona 3.7 matta’aa fudhachuuf turan harkaaf harkatti to’atamuu ibsameera.

Waajjira dameewwan Ministeera Galiiwwanii garaagaraatti yakki malaammaltummaa raawwatamuuf ture harkaa fi harkatti to’atamuu Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqaa Ayyaalew ibsaniiru.

Obbo Laaqaan baatiwwan darban dhaabbileen nagahee galii sobaa qopheessuun qabeenya biyyaa dhuunfaaf oolchaa turan 63 saaxilamuu eeraniiru.

Ministeera Galiiwwanii waajjira Damee Adaamatti hojjetaan matta’aa Birrii miiliyoona 1.5 fudhachuuf waliigalee kaffaltii duraa Birrii kuma dhibba 5 fudhachuuf ture harkaaf harkatti to’atamuu himaniiru.

Ministeera Galiiwwaniitti waajjira kaffaltoota Gibiraa xiqqaa Damee Baha Finfinneetti hojjettoonni matta’aa Birrii miiliyoona 5 fudhachuuf waliigalanii kaffaltii duraa Birrii kuma dhibba 2 wayita fudhachuuf turan harkaa fi harkatti to’atamuus eeraniiru.

Akkasumas Komishinii Gumrukaa waajjira damee Mojootti Birrii kuma dhibba 2, Ministeera Galiiwwanii Waajjira Kaffaltoota Gibiraa giddugaleessatti Birrii miiliyoona 12 matta’aa fudhachuuf waliigalanii, Birrii kuma dhibba 1 kaffaltii duraa wayita fudhachuuf turan harkaaf harkaatti to’atamuu ibsameera.

Guyyaa har’aas karaa gurmaa’een qabeenya mootummaa fi ummataa kan ta’e Taaksii hir’isuuf mattaa’aa Birrii miiliyoona 3.7 fudhachuuf wayita turan to’atamuu obbo Laaqaan ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.