Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoonni buufata fayyaa kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo aanaa 9 iddoo tursiisa shakkamtoota vaayrasii koroonaaf Birrii miiliyoona tokkoon hojjechiisan eebbifame

Finfinnee,Waxabajjii 14, 2012 (FBC) – Hojjettoonni buufata fayyaa kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo aanaa 9 iddoo tursiisa shakkamtoota vaayrasii koroonaaf Birrii miiliyoona tokkoon hojjechiisan eebbifame.

Tajaajila ogummaan tajaajilluun ala waan qabnuun hawaasa keenya bira dhaabbanna jedhuun , hojjettoonni buufata fayyaa kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo aanaa 9 iddoo tursiisa shakkamtoota vaayiresii koroonaaf birrii miiliyoona tokkoon hojjechiisan eebbifame.

Iddoon tursiisaa kun gargaarsa maallaqaa hojjettoota bufachiisaa fi hirmaannaa qaamoolee adda addaa Birrii miiliyoona tokkoon ijaaramuu fi sirree 30 kan qabu akka ta’e Daayrektarri Meedikaalaa Buufata Fayyaa aanaa 9 obbo Taammiraat Abbabaa ibsaniiru.

Iddoon tursiisaa kun fuula duraaf gara iddoo yaalaatti kan jijjiramu ta’uus himaniiru.

Hojjettoonni fi ogeeyyuin fayyaa buufatichaa dhukkubsattoota deddeebi’uun yaalamaa jiran fi sababa weerara vaayiresii koroonaatiin rakkoo hawaas – diinagdeef saaxilaman 36’fis midhaan fi meeshaalee qulqullinaa arjoomaniiru.

Akka gaabasa OBNtti hoji gaggeessaa olaanaan kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo obbo Fiqaaduu Kaasaahuun hojiin waldaa ogeeyyii fayyaa Tasfaa, buufata fayyaa aanaa 9 hojjetan warra kaaniifiis fakkeenya gaarii akka ta’e fi dhaabbilee fayyaa biroo keessattis babal’achuu akka qabu ibsaniiru.

Hoji tola ooltummaa kana hojjechuu isaaniitiniis galateeffataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.