Fana: At a Speed of Life!

Hojjetoota mootummaaf raabsii zayitaa fi sukkaaraa kan gaggeeffamu ta’uun eerame

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Dhiibbaa qaala’iinsaa jireenyaa hojjettoota mootummaa salphisuuf zaayita liitira miiliyoona 6 olii fi sukkaara kuntaala kuma 300 ol baatii Waxabajjii kana raabsuuf karoorfamuu Biiroon Daldalaa fi Misoomaa Indaastirii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Daayrektarri Babal’ina Gabaa Biirichaa Obbo Dammaqaa Seeyifee akka eeranitti, hojjettoota mootummaaf dhiyeessii meeshaalee bu’uuraa ilaalchisee qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin furuuf hojjetamaa jira.
Haaluma kanaan, hojjettoota dhaabbilee sadarkaa Federaalaa, Magaalaa Finfinnee, Godinaa Addaa Annaanwaa Finfinneef, zayiita litira miiliyoona 6 fi kuma 897 raabsuuf karoorafameera jedhan.
Kana males sukkaara kuntaala kuma 3 fi 500 Birrii 42.16 raabsuuf akka ta’e eeruu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.