Fana: At a Speed of Life!

Hojjetoonni Matta’aa Birrii miiliyoona 1 utuu fudhatanii argaman to’ataman

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)- Hojjetoonnii Waajjira Bulchiinsa Liizii Lafaa matta’aa Birrii miiliyoona 1utuu fudhatanii harkaa fi harkatti to’annoo jala oolfamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibse.

Magaalaa Finfinnee Kutaa Magalaa Lammii Kuraatti dhimma raawwachiisuuf matta’aa Birrii miiliyoona 1.4 kan fudhatan hojjettoonni Waajjira Bulchiinsa Liizii Lafaa lamaa fi waahilli isaanii, qindoomina Poolisii Magaalaa Finfinnee fi Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaatiin to’atamuun ibsameera.

Daayrektarri Itti Aanaa Qorannoo Yakkaa fi Tiraafikaa Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaalichaa Komaandar Masfiin Balaachoon, shakkamtoonni to’ataman hojjettoota Waajjira Bulchiinsa Liizii Lafaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa lamaafi shakkamtuun sadaffaan immoo obboleetti ogeessa daddabarsa Liizii waajjirichaa akka taate ibsaniiru.

Miidhamaan Dhuunfaa, Adoolessa 3, 2015 lafa liiziin bitan fudhachuuf waajjirichatti deddeebi’aa akka turan, shakkamtoonnis dhimmicha raawwachuuf beellamaan deddeebisaa akka turanii fi dhimmicha raawwachuuf matta’aa akka gaafatan Komaandar Masfiin Balaachoon himaniiru.

Lafti liiziin bitan daandii cinaa waan ta’eef maallaqnu nuuf kaffa;ltaan ni dabala jechuun shakkamtootni birrii miiliyoona 3 gaafatanii akka turan ibsaaniiru.

Dhumarrattis Birrii miliyoona 1 fi kuma 500tti waliigaluu, kana keessaa Birrii miiliyoona 1 fi kuma 200 lakkoofsa herreega baankii obboleetti Ogeessa Daddabarsa Liiziirratti akka galii taasifamu kan himan ta’uu Komaandar Masfin himaniiru.

Shakkamtoonni kunneenis maallaqa callaa Birrii kuma 200 wayita fudhatan harkaa fi harkatti to’atamuu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.