Fana: At a Speed of Life!

Hojiiwwan daldalaa alaa fooyyeessuuf hojjetamaniin galiin doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 3.6 argame

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC)- Bara baajata 2013 Hojiiwwan daldalaa alaa fooyyeessuuf hojjetamaniin galiin doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 3.6 argamu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiseera.

Bara baajatichaatti daldalaa alaa cimsuu fi daldalaa galii oomishaa biyya keessaan bakka buusuun tattaaffii taasifameen bu’a fooyya’aan galmaa’uudha kan ibsame.

Ministir deettaan Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Isheetee Asfaaw, damee oomishaa indaastirii cimsuuf hojii hojjetameen omishtummaa indaastiriiwwanii guddisuun bu’aan galmaa’ee dhufuu kan danda’ee jedhan.

Waajjirri ministeerichaa raawwii bara baajata 2013 hojjeettoota waliigalaa waliin gamaggamaa jira.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.