Fana: At a Speed of Life!

Hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaaf hundi ga’eesaa ba’achuu qaba- Hoggantoota olaanoo mootummaa

Finfinnee, Sadasa 5, 2015(FBC)- Hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa Mootummaa fI ABUT gidduutti mallatteeffameef hundi ga’eesaa ba’achuu akka qabu Hoggantoonni olaanoo mootummaa ibsan.

Waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa ilaalchisee hoggantoonni olaanoon dhaabbilee federaalaa marii gaggeessaniiru.

Xiyyeeffannoon marichaa waliigaltee nagichaaf qophii waliigalaa gama mootummaan taasifame, akeeka waliigalaa waliigaltichaafi dhimmoota gara fuuladuraatti xiyyeeffannoo barbaadan irratti ta’uu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Qophaa’ummaafi kutannoon mootummaa nageenyaaf  argisiisaa ture milkaa’ina waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaaf bu’aa quubsaa argamsiisuu ibsameera.

Waliigaltichi balaa birmadummaa biyyaarratti aggaamame qolachuu kan dandeessisu,waraana waaraan dhaabuun nageenya waaraa uumuun kan dandeessisu, uummata waraanichaan miidhamaniif boqonnaa kan kennu ta’uu eerameera.

Waliigaltichi injifattummaa Ityoophiyaa kan mirkaneesse ta’uus ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.