Fana: At a Speed of Life!

Hojiirra oolmaa sirna Hiikaa Heeraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irratti qooda fudhattoonni mari’ataa jiru

Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC)- Hojiirra oolmaa sirna Hiikaa Heeraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irratti qooda fudhattoonni Magaalaa Bishooftuutti mari’ataa jiru.

Waltajjii kanarratti Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo, Komiishiniin Hiikaa Heeraafi Gumiin Calaltuu Dhimmoota Heeraa dhimmoota hiikaa heeraafi fala barbaadan irratti hojiiwwan gurguddoon hojjetamaa turaniiru jedhan.

Gumichi, naannicha keessatti dhimmoota adda addaa murtii mana murtii idileen murtaa’eefi dhimmoota birootiin ilaalamanii hiikaa heeraa barbaadu jedhamanii dhiyaatan irratti mari’achuun murtii kennaa turuusaa kan eeran Aadde Loomiin.

Kanaaf hojiin kun cimee akka itti fufuufi rakkoo hawaasa keenyaa hiikuu keessatti iddoo olaanaa waan qabuuf qaamolee hojii kanaaf xiyyeeffannoo kennuun waggoota darban keessatti hojjechaa turaniif beekkamtii kennuun kan dhufuuf haala mijeessuun barbaachisaa waan ta’eef sagantaa kana qopheessine jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira Komishinii Hiikaa Heeraa Naannoo Oromiyaa Obbo Damoozee Maammee barreeffama dhiyeessan keessatti hojiin hiikaa heeraa, adeemsa hojii mootummaa keessatti mootummaafi qaamoleen mootummaa sadanuu hojiin ykn murtiin isaanii kamiyyuu Heeraan kan walitti bu’u ta’ee yammuu argamu hanga haquutti geessisa jedhan.

Sirni olaantummaa Heerrii fi seerri itti mirkanaa’u, sirrummaan hojii qaamota mootummaa ittiin madaalamuufi to’atamu hojii hiikaa heeraa kanaani jechuun ibsuusaanii ragaan Caffee Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.