Fana: At a Speed of Life!

Hojiirra Oolmaa Piroojektii bittaaf gurgurtaa misooma Beeyladaarratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) – Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa, deeggarsaa Baankii Addunyaan hojiirra kan olu Piroojektii bittaaf gurgurtaa misooma Beeyladaarratti hoggantoota baankicha waliin mari’ateera.

Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabraamasqal Caalaa, Ministir Deetaan ministeerichaa Obbo Kaasahuun Goofee fi hoggaantoonni Baankichaa waliin mari’ataniiru jedhame.

Piroojekticha eegaluuf hojiilee dursa hojjetamuu qaban irratti gadi fageenyaan mari’achuu, rakkoo karooraa raawwiirratti mul’ataniif kallatti furmataa ka’uu fi yeroo dhiyoottii garaa hojiitti kan galamuu ta’uu maricharratti ka’uu isaa Obbo Kaasahuun Goofeen toora Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.